• Tue. Nov 24th, 2026

Humni Shororkeeessaa Faannoo Godina Horro Guduruu wallaggaa Aanaa Amuruutti dubartii Ulfa baatii 8tii mana itti cufuun ibiddaan guban

Dec 12, 2022

Humni Shororkeeessaa Faannoo Godina Horro Guduruu wallaggaa Aanaa Amuruutti dubartii Ulfa baatii 8tii mana itti cufuun ibiddaan guban.

ONM – ABO – Muddee 12, 2022 Humni finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of waaman kan tumsi maallaqaa fi hidhannoo murna bilxiginnaa koloneel Abiy Ahimediin isaaniif taasifamuun daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun uummata Oromoo irratti yakka suukkanneessaa fi duguuggaa sanyii raawwachaa jiran itti fufanii jiru. Humni Kun Godina Horroo guduruu wallaggaa aanaa Amuuruu keessatti yakka seenaa keessatti raawwatamee hin beekne dubartii ulfaa baatii 8ti mana olgalchuun ibiddaan gubuu isaanii ragaan viidiyoo irraa argame ni agarsiisa. Haati ulfaa kun gubiinsa irratti raawwatee mucaan garaa ishee keessaa alatti gadi ba’ee bifa ilaaluun nama sukkanneessuun reeffi ishee mul’ata. Ilmaan Oromoo irratti waantota salfachiisoo hedduun raawwachaa waan jiruuf uummanni tokkummaan ka’ee falmaa finiinsuu qaba jechuun jiraattootni aanaa Amuruu dhaamaniiru.

Leave a Reply