• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo keessatti barattoonni mormii dhageessisu jechuun eegumsaa fi doorsisa jabeessuun barame

Dec 17, 2022

Godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo keessatti barattoonni mormii dhageessisu jechuun eegumsaa fi doorsisa jabeessuun barame.

ONM – ABO – Muddee 17, 2022 Murni garboomfataa PP caasaa aangoo isaa akka tiksaniif bobbaasee fayyadamuun uummatni Oromoo waan itti dhagaa’ame akka hin ibsannee fi nagaan ba’ee akka hin galle taasisaa jiru.

Roorroo sirna bulchiinsa bilxiginnaa jalatti uummata Oromoo irra waraana bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraan qaqqabaa jiru mormuun ilmaan daandii ba’aa jiraachuun kan isa yaaddesse murni faashistii PP torbe kana godina lixa Harargee aanaa Mi’eessoo magaalaa Asabootii fi gandoota magaalattii dhihoo ta’anitti eegumsa cimsaa fi uummata nagaan daandii irra deemu doorsisaa turaniiru.

Magaalaa Mi’eessoo keessatti barattoonni sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa seensa mana barumsaa irratti akka sakatta’aman gochuun akkasumas waltajjii teessisuun diroonii fi meeshaalee gurguddaan isin rukunna jechuun barattootni akka hiriira hin baaneef sodaachisaa turaniiru.

Haa ta’u malee erga Warraaqsi Oromoo Bararuu jedhu labsamee kaasee magaalicha keessatti miirri barattootaa fi jiraattootaa magaalaa diddaaf agarsiisuuf qophii ta’uu kan agarsiisu yoo ta’u, sababa kanaanis humna waraanaa aanichatti cimsanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply