Godina baha Harargee aanaa Qumbii keessatti ilmaan Oromoo baatii arfaffaa murtoo tokko malee hidhamanii jiraachuun barame.
ONM-ABO Mudde 23, 2022
Olaantummaan seeraa haa kabajamu jechaa ofii isaatii kan cabsu murni bilxiginnaa keeyyata seeraa dhimma namoota shakkamanii qabaman, yeroo seeraan kaa’ame keessatti mana murtiitti dhiyaatanii murtoo argachuu qaban cabsuun namoota magaa shakkiin qaban baatiilee hedduuf mana hidhaa ona Qumbii keessatti dararaa jiru.
Waraanni faashistii Abiy Ahimed godina baha Harargee aanaa Qumbii keessaa namoota akka Awwal Abdurhamaan, Ibraahim Ahimed, Baashaa, Hamdii Mahaammad, Deeq Mahaammad, Muhaaz Sheek Kaatib, Falmataa, Abdii Mahasmmad, Ismaa’el Abdulkariim, Ardoo Saalii fi Hajii namoota jedhaman badii tokko malee qabuun baatii afurii oliif mana hidhaa buufata poolisii aanaa Qumbii keessatti dararaa agarsiisaa jiru.
Aanaa Qumbii keessatti ilmaan Oromoo sabboonummaa qaban fo’amuun maallaqa Waraana Bilisummaa Oromootu isin bira jira, namoota ijaaraafii jirtu, meeshaalee waraanaa kuustaniifii jirtan fidaa, caasaa WBO aanicha keessaa baasaa fi odeessa aanichaa isintu miidiyaaleef kenna jechuun namootni hedduun hojii idilee isaanii irraa qabamanii rakkachaa akka jiran Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa gamasii odeeffateera.
