• Wed. Mar 18th, 2026

Godina Bunnoo Beddeellee magaalaa Beddeellee keessatti barattoota duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru balaaleffachuun hiriira ba’an hidhaa fi mana barumsaa irraa ari’uun adabaa jiru

Dec 23, 2022

Godina Bunnoo Beddeellee magaalaa Beddeellee keessatti barattoota duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru balaaleffachuun hiriira ba’an hidhaa fi mana barumsaa irraa ari’uun adabaa jiru.

ONM-ABO Mudde 23, 2022
Barattoota Oromoo maqaa hiriira mormii qindeessitan jedhun manneen barnootaa ari’uu fi hidhaa keessa tursuun itti fufee jira.

Godina Bunnoo Beddellee magaalaa Beddellee magaalaa Beddellee keessatti barattoota Oromoo gocha badii ilmaan Oromoo lafa irraa balleessuu waraana bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraan raawwachaa jiru balaaleffachuun hiriira mormii Muddee 13, 2022 geggeessan irratti waraanni bilxiginnaa barattoota hedduu badii isaanii malee maaliif saba keessaniif sagalee taataniin hidhatee ture.

Namoota hidhaman kana keessas barattuun maqaan ishee Diibooraa Dheeressaa jedhamtu dhalatuu magaalaa Beddeellee kan taatee fi bara kana ba kutaa 11ffaa barachaa kan turte hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda akkasumas hiriira ba’ane situ qindeesse jechuun erga hidhanii dararaniin booda hoggantootni paartii bilxiginnaa waggaa tokkoof mana barumsaa irraa ari’anii jiru.
Barattoottuun kun intala Oromoo aadaa fi seenaa saba isheef quuqamuu irraan kan ka’e mana barumsaa ishee keessatti gumii afaan Oromoo keessatti diraamaa, walaloo fi barruulee xixiqqoo barreessuun barattoota barsiisaa fi bashansiisuun kan beekamtu yoo ta’u dhiyootti kitaaba maxxansiisuuf qophii irra jirtu.

Murni ol adeemtota Oromoo kichuutti hambisuu barbaaduu bilxiginnaan namoota waan Oromoo dubbachuu danda’an jedhu hidhu, hojii isaanii irraa ari’uu, barnooota irraa ugguruu, ajjeesuu fi dhabsiisuu meeshaa waraanaa taasifatee hojjechaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading