• Tue. Nov 24th, 2026

Kaabinootni murna bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Bishooftuu namoota mana kireessan waltajjii waamuun akeekkachiisaa fi doorsisaa turuun barame

Dec 26, 2022

Kaabinootni murna bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Bishooftuu namoota mana kireessan waltajjii waamuun akeekkachiisaa fi doorsisaa turuun barame.

ONM – ABO – Muddee 26, 2022 Murni bilxiginnaa gadaa aangoo isaa dheereffachuuf jechaa dhiibbaan inni uummata irraan hin geenye kan hin jirre yoo ta’u guyyaa kaleessaa Muddee 25, 2022 jiraattota bulchiinsa magaalaa Bishooftuu mana kireessanii galii isaan jiraatanii fi abbootii hoteelaa doorsisaa turan.

Jiraattota magaalaa Bishooftuu waltajjii ganama kaleessaa waaman irratti namoota mana kiraa fudhatanii isin bira jiran eenyummaa isaanii adda baafadhaa, keessumaa namoota lixa Oromiyaa, lixa Shaggar fi kibba Oromiyaa irraa dhufan qaaman argamaa gabaasa taasisaa jechuun kan akeekkachiisan yoo ta’u, abbootii hoteelaanis namoota siree bulan meeshaa isaan baadhatanii jiran irraa adda baafadhaa jedhaniin.

Magaalattii keessatti dheengadda Muddee 24,2022 waraanni murna bilxiginnaa daandii gubbaatti ba’uun namoota hojii idilee isaaniif bobba’an cufa waraqaa eenyummaa irraa guuruun karaa dhaabaa turan.

Wiirtuu xiyyaara waraanaa ta’uun xiyyaarri achi irraa ka’uun dhumaatii lammiilee Oromoof teessoo kan taa’e Bishooftuun inumaayyuu lammiileen nagaan hojii barbaachaa fi dhimma isaaniif magaalaa deeman akkasumas keessa qaxxaamuruun nagaa akka hin argannee fi qabamuun akka dararamaan taasisaa akka jirtu yaada jiraattota magaalichaa irraa hubachuun dandaa’ameera.

Leave a Reply