• Wed. Nov 25th, 2026

Amajjiin 1 Guyyaa WBO Qeerroowwan magaalaa Naqamtee fi barattoota Yuunivarsiitiin kabajamee oole

Jan 1, 2023

Amajjiin 1 Guyyaa WBO Qeerroowwan magaalaa Naqamtee fi barattoota Yuunivarsiitiin kabajamee oole.

ONM-ABO 1 Amajjii 2023 Qeerroon Bilisummaa Oromoo Magaalaa Naqamtee fi Qeerroowwan Mooraa Yuunivarsiitii Wallaaggaa waliin ta’uudhaan magaalaa Naqamtee keessatti kabaja guyyaa Ayyaana Waraana Bilisummaa Oromoo Amajjii 1 kabajachaa oolaniiru.

Kabaja ayyaana kanaa irratti, qophiilee garaagaraatu gaggeeffamaa oole.
-Jaallan wareegamaniif yaadannoon sammuu taasifameera.
-Haasawaan miseensa WBO keessaa hirmaattotaaf taasifameera.
-Walaloon QBOn dhiyaateera.
-Haasawaan karaa Qeerroo Bilisummaa Oromoon dhimma ayyaanicha ilaallatuu fi qophiileen bashannansiisoon biroon geggeeffameera.
Walumaagalatti qophiin guyyichaaf qophaaye bifa hoo’aan geggeeffamuun irbuu haaromfachuun milkiin xumurameera.

Leave a Reply