• Tue. Nov 24th, 2026

Amajjiin 1 Guyyaan WBO fi barri haaraan 2023 WBO, barattootaa fi Qeerroowwan biratti bifa hoo’aan kabajame

Jan 2, 2023

Amajjiin 1 Guyyaan WBO fi barri haaraan 2023 WBO, barattootaa fi Qeerroowwan biratti bifa hoo’aan kabajame.

ONM – ABO – Amajjii 2, 2023 Amajjiin 1 Guyyaa WBO fi barri haaraan 2023 haala bareedaan dirree qabsoo, uummata keessaa fi Oromoota biyyoota ambaa keessa jiran biratti guyyaa seena qabeessa kana waa’ee qabsoon bilisummaa Oromoo kaasuun mari’achaa kabajachaa oolan.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Magaalaa Naqamtee fi Qeerroowwan Mooraa Yuunivarsiitii Wallaaggaa waliin ta’uudhaan magaalaa Naqamtee keessatti kabaja guyyaa Ayyaana Waraana Bilisummaa Oromoo Amajjii 1 kabajataniiru.

Kabaja ayyaana kanaa irrattis qophiilee garaagaraa kanneen akka jaallan wareegamaniif yaadannoon sammuu taasisuu, haasawaan WBOn karaa toora bilbilaa dhiyaachuu, walaloon fi qophiileen ayyaanicha jabeessan dhiyaatera.

Ayyaanni guyyaa WBO kun Yuunivarsiitii Finfinnee, Jinkaa fi Gambeelaa keessattis barattoonni Oromoo wal ga’uun dhimma Oromoo fi Oromiyaa mari’achaa dhamaatiin WBOn Oromiyaa biyya taasisuuf itti jiru akkasumas bu’uura xurree kanaaf warreen sababa ta’an yaadachaa sirna hoo’aan kabajachuun irbus haaromfataniiru.

Dirree qabsoo irrattis WBO zoonii lixaa, giddu galeessa, baha, kibbaa fi kibba bahaa keessatti diinaan kokkee wal qabaa Amajjii 1 kabajateera.
Biyyoota ambaa keessatti gaanfa Afrikaa, Soomaalilaand, Jibuutii, Keeniyaa, biyyoota Arabaa, Awurooppaa, Awustiraaliyaa fi Amerikaa keessatti ilmaan Oromoo Amajjii 1 kabajachuun kallattii qabsoo irratti mari’achaa, qabsichaas diinagdeen tin’isaa turuu gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.

Leave a Reply