• Thu. Nov 26th, 2026

Murni Biltsiginnaa Oromummaa hiddaan buqqisuu ejjennoo taasifate, Sirna Gadaa dhabamsiisuuf duula Abbootii Gadaa karayyuu irratti raawwataa jiru jabeessee itti fufe

Jan 2, 2023

Murni Biltsiginnaa Oromummaa hiddaan buqqisuu ejjennoo taasifate, Sirna Gadaa dhabamsiisuuf duula Abbootii Gadaa karayyuu irratti raawwataa jiru jabeessee itti fufe.

ONM – ABO – Amajjii 2, 2023 Biltsiginnaan duula Gadaa fi Hambaa gadaa dhabamsiisuuf taasisaa jiru bara dabre jila abbootii Gadaa Michillee nama 15 bakka tokkotti ajjeesuun kan eegale yoo ta’u, duulli taasifamaa jiru kun guyyaa sana irraa eegaluun hanga har’aatti uummata Karrayyuu irratti boqonnaa malee adeemsifamaa jira.

Kanumaan Wal qabachuun waggoota lamaan kana qe’een warra Gadaa dachiin uummata karrayyuu dhiigaan kan guutte yoo ta’u, sirni ilma namaatiif naasuu tokkollee hin qabne biltsiginnaan uummaticha yeroo gara yerootti saamaa, hiraarsaa akkasuma jumlaan mana hidhaatti guuraa jiraachuutu himama.

Jiraataan Karrayyuu irraa dubbisne tokko akka dubbatutti, “sababni guddaan sirni kun uummata Karrayyuu gidirsaa jiruuf, faanaa fi hambaa Oromummaa akkasumas Gadaa hiddaan buqqisuuf” kan jedhe yoo ta’u, gocha kana ragaan kan mul’isu tokko hambaan maatii warra Gadaa michillee yeroo darbe sirnichumaan bakka tokkotti ajjeefamanii warri lubbuun hafan cufti waraana bilxiginnaan qabamuun hidhaatti guuramuu isaaniiti jedha.

Kanumaanis namootni maatiin isaanii waggaa darbe ajjeefaman isaan ammoo har’a mana hidhaa keessatti argaman, Boruu Bulaa, Roobaa Bulaa, Qumbii Bulaa, Jiloo Bulaa ijoollee abbaa Gadaa wareegamee bulaa Faantaalleeti.

Kanneen sababa obboleessi isaanii jila gadaa jumlaan PPn ajjeefaman keessatti waan argamaniif hidhaman Nuureddin Fantaallee, Jiloo Boruu, Qumbii Ida’oo, Roobaa Boruu, Boosee Quluu, Roobaa Godee, Hawee Qumbii fi Godee Boruu dubartii daa’ima baattu keessatti argamti.

Walumaa galatti jiraataan kun akka jedhetti, gareen faashistii maqaa mootummaatiin of waamu biltsiginnaan cubbuu gurguddoo nurratti raawwachuun lafa irraa nu duguugaa waan jiruuf rakkoo uummatni keenya Karrayyuu keessa jiru Oromoo nuuf qaqqabsiisaa jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti dubbateera.

Leave a Reply