• Tue. Mar 17th, 2026

Dura ta’aan Adda Bilisa Baasaa uummata Agawoo (ALF) Obbo Naatinaa’el Kiroos adeemsa waliigaltee TPLF murna bilxiginnaa Itoophiyaa wajjin taasise keessatti TPLF’n komachuu dubbatan

Jan 4, 2023

Dura ta’aan Adda Bilisa Baasaa uummata Agawoo (ALF) Obbo Naatinaa’el Kiroos adeemsa waliigaltee TPLF murna bilxiginnaa Itoophiyaa wajjin taasise keessatti TPLF’n komachuu dubbatan.

ONM – ABO – Amajjii 4, 2023 Wal dhabdee gidduu isaaniitti uumameen waggoota lamaan dabran kana lola jabaa walitti banuun wal rukutaa kan turan murni bilxiginnaa Itoophiyaa fi TPLF, jalqaba baatii Sadaasaa 2022 dhimma waldhabdee isaanii barcumatti fiduun, marii araaraa gaggeeffachuu kan murteeffatan qaamonni lameen, marii yaadames gidduu seentummaa qaama sadaffaan gaggeeffatanii rakkoo isaan gidduu jiru nagaan furachuu irratti akka waliif galan qaamonni lamaanuu dubbataa jiru.

Haata’u malee dhimma araara murna bilxiginnaa fi TPLF gidduutti taasifame kanaan gama murna faashistiinis ta’e paartiileen mormitootaa fi dhaabbileen bilisummaa saba isaaniif qabsoo hidhannootti jiran akkasumas namoonni siyaasaa hedduun guumgummii fi yaadota garaa garaa dhiyeessaa kan turanii fi kan jiran yoo ta’u, gama isaatiin murni bilxiginnaa dhaabota qabsoo bilisummaa saba isaaniif qabsootti jiran akkasumas isa faana wal haleeluutti jiran duubatti qabuun TPLF waliin qofa marii kan taasise yoo ta’u, qaamonni gariin, dhaabbileen qabsaa’otaa fi paartiilee mormitootaa araarri TPLF waliin qofa taasifame tasumaa Itoophiyaa keessatti nagaa uumuu hin danda’u jechuun irra deddeebiin dubbachaa kan jiranii fi ammallee Itoophiyaa keessatti rakkoo jabaan dhalachuuf deemaa kan jiru ta’uu heeraniiru.

Kanumaan walqabatee kaleessa jechuun amajji 3 2023 haasaa fuula Facebook dhaabbatichaa irratti gadhiifameen Dura ta’aan Adda Bilisa Baasaa uummata Agawoo ( Agew Liberation Front) Obbo Naatinaa’el Kiroos Gaaffii fi Deebii taasisaniin adeemsa araaraa qaamota lamaan gidduutti taasifame irratti yaada qaban dhaaba isaanii bakka bu’uun kan dubbatan yoo ta’u adeemsa araarichaaf taasifame keessatti Tplf irraa komii kan qaban ta’uu himaniiru.

Obbo Naatinaa’el kiroos akka jedhanitti “jalqabarratti lollli ulfaataan uummata Tigiraay irrratti taasifamaa ture dhaabachuun uummatichaaf nyaatni, qorichii fi tajaajiloonni hawwaasummaa kennamuu jalqabuun akka dhaaba keenyatti kan nu gammachiisedha kan jedhan hoggaa ta’u, itti fufaniis mootummaan Tigiraay uummata isaa bararuuf dhimmoota irratti waliif galamuun barbaachisu kaasuun irratti waliif galanii rakkoo isaanii bifa kanaan furachuu isaanii irraa mormii tokkollee kan hin qabne ta’uu kan dubbachuun, garuu dhimmootni waliin irratti waliif galame qabatamaan hojiitti hiikamee arguun waanta murteessaa fi ijoodha” jechuun dubbataniiru.

TPLF waliin yeroo rakkoo fi dukkanaa keessa wal utubuun qabsoo gaggeessaa akkasuma waliin socho’aa akkuma turre har’a guyyaa ifni xinnoon dhuftetti wal gatuun hin barbaachisu ture kan jedhan Obbo Naatina’eel, akka dhaaba TPLF waliin hariiroo qabsoo yookiin gargaarsa kallattii kamii waliif kennaa ture tokkootti sochii araaraa TPLF bilxiginnaa waliin taasise keessatti dhaabni isaanii TPLF irraa komii qabaachuu kan dubbataniiru.

Akka obbo Naatinaa’el jedhanitti bilxiginnaan TPLF waliin araara buusuun Itoophiyaa keessatti nagaa ni fida jennee hin amannu. Kanaaf walii galteen taasifame sabaaf sablammoota hunda hammachuun kan irra turee fi qaamonni bilxiginnaa faana rakkoo qaban marti TPLF faana mariitti seenuun dhimma rakkoo impaayerattiin akka walii galaatti qabdu bakka tokkotti furuuf carraan uumamuutu irra ture kan jedhan Obbo Naatinaa’el, kana murni faashistiin kun ni godha jennee tasumaa hin yaadnu, ta’us dirqama isaa fudhatee raawwachuun kan irra ture TPLFn yoo ta’u TPLF garuu dhimma kana moggaatti qabuun kan isaan aarse ta’uu dubbataniiru.

Itti fufuun dhimmi Obbo Naatinaa’el lammata irratti cimsanii dubbatan dhimma Eertiraa yoo ta’u, “qabxiilee Mariif ka’ame keessa dhimmi Eertiraa qabxii guddaa ta’ee galuun Eertiraan balaaleffatamuun kan irra ture TPLF dhimma walii galtichaa keessatti qabxii kana kaasuu dhabuun kan isaan gaddisiise ta’uu kan dubbatanii fi Eertiraan akkuma walii galaatti yakka gurguddaa Tigraay keessatti taasifamaa tureef abbummaa fudhattee gaafatamuutu irra ture jechuun yaada Eertiraa irratti qaban himaniiru.

Xumuraa irratti yaadni dura taa’aan Adda bilisa baasaa uummata Agawoo ( ALA ) obbo Naatinaa’eel Kiroos kaasan araarri TPLF dhuunfaa isaatti taasise kun rakkoolee garaa garaa qabaachuu kan maluu fi gara booddeetti fedhii uummata Tigraay kan hin eegne yoo ta’e rakkoon biraa deebiyee dhalachuu kan maluu fi keessattuu gaafatamni seeraa Eertiraa fi loltoota Itoophiyaa irratti ta’uu irra ture hafee isaan abbootii seeraa ta’uun dhufuun isaa aanga’oota gadaanoo TPLFfuu yaaddessaa dha jedhan

Kanaafis jedhan obbo Kiroos haalli impaayerattiin ittiin of baraaruuf deemte guutummaatti furmaata akka hin fidne eeruun yakkamaa fi abbaa dubbii qaama nagaa barbaaduu fi madda furmaataa gochuun barcuma isaaf haala mijeessuu dhiisanii qaama jiru cufa rakkoo impaayerattiitti hin hirmaachisan taanaan nagaan dhufuu hin danda’u jechuun yaada isaanii kennaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading