• Wed. Nov 25th, 2026

Miseensi poolisii humnaa adda  Oromiyaa tokko sirnicha ganuun waraana bilisummaa Oromootti harka kennate

Jan 4, 2023

Miseensi poolisii humnaa adda  Oromiyaa tokko sirnicha ganuun waraana bilisummaa Oromootti harka kennate.

ONM – ABO – Amajjii 4, 2023 Hacuuccaa fi gocha sukkanneessa ilmaan oromoo irratti sirna nama nyaata bilxiginnaan  geggeeffama jiru mormuun, miseensonnii waraana bilxiginnaa  guyyaa gara guyyaatti   mooraa sirna  garboofaata diigaanii ba’uun gara waraana bilisummaa Oromootti dabaalamuu itti fufaanii jiru.

Dheengaada  Amajjii 2, 2022  godina Arsii bahaa mooraa waraana bilxiginnaa Asallaa irraa miseensi poolisii humnaa addaa Oromiyaa tokko hidhaannoo guutuudhaan gootichaa waraana bilisummaa Oromootti harka kennate.

Turtii leenjii loltummaa bilxiginnaa fudhaachun sirnicha  tajiijaala ture keessaatti gochoota diinummaa osoo beekuu fi dirqamaan ummaata Oromoo irratti raawwateefis  dhiufaama gaafatee jira.

Dhuma  irrattis ilmaan Oromoo leenjii loltummaa fudhachuun loltuu ta’anii   fi gita hojii kan birootti bobba’uun sirnicha tajaajilaniif, sirna nama nyaata ilmaan Oromoo harkaa fi morma muruun daandii Minilik durii hordoofe duguugaa sanyii ummaata Oromoo irratti rawwaacha jiru ganuun akka qabsoo saba isaaniitti dabalaman dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply