• Wed. Nov 25th, 2026

Kibba Oromiyaa godina Gujii lixaa aanaa Qarcaa  keessatti gocha loltoota faashistii murna Itoophiyaatiin namootni nagaan ajjeefamuu fi madaa’uun dhagaa’ame

Jan 9, 2023

Kibba Oromiyaa godina Gujii lixaa aanaa Qarcaa  keessatti gocha loltoota faashistii murna Itoophiyaatiin namootni nagaan ajjeefamuu fi madaa’uun dhagaa’ame.  

ONM – ABO – Amajjii 9, 2023 Ajjeechaan waraana faashistii Itoophiyaatiin Oromiyaa keessatti uummata nagaa irratti xiyyeeffate jabaachuun kaleessa jechuun Amajji 7, 2023 Godina Gujii lixaaa aanaa Qarcaa ganda Gaalessa Sokkeetti waraana sirnichaatiin namoonni nagaan lama yoo ajjeefaman lama ammoo madaa’uu jiraattotni dubbatu.

Gocha cubbuu loltoota sirnichaan taasifame kanaanis dargaggoonni Galataa Galchaa fi Godaanaa Turee jedhaman haala sukkanneessaan yoo ajjeefaman, Tashoomee Gammadee fi Badhaanee Axinaafuu ammoo akka malee madaa’uun haala ulfaataa keessa jira.

Murni bilxiginnaa godina Gujii  lixaa kana keessatti aanaalee fi gandoota tokko tokko keessatti gochi sukkanneessaan raawwatuun hamaa ta’uu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Leave a Reply