• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni murna bilxiginnaa godina Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo irraa gara Anfillootti socho’aa ture daandii irratti namoota reebaa turuun dhagaa’ame

Jan 11, 2023

 
Waraanni murna bilxiginnaa godina Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo irraa gara Anfillootti socho’aa ture daandii irratti namoota reebaa turuun dhagaa’ame.

 
ONM – ABO – Amajjii 11, 2023 Murni oftuulaan bilxiginnaa qaanii lolaan isa mudachaa jiru dhokfachuuf daandii lolamee deebi’u irratti uummata reebaa, saamaa fi ajjeesaa deemuu seera godhatee jira.
Qajeelfama nama tokkoon kan bobba’an waraanni faashistii PP aanaa Anfilloo gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon dhuunfatamte deebisanii qabachuuf humna  qabanii kaleessa Amajjii 10, 2022 magaalaa Dambii Doolloo irraa bobba’an.
Waraanni maafi’aa kun erga Dambii Doolloo ka’anii daandii gubbaa irratti namoota reebaa, mana namootaa keessaa saamaa fi dirqamaan uummata qabanii of gidduu galchuun socho’aa turan.
 
Humni sodaatee bakka WBO jiru iyyaafachaa fi erga dhaga’ee irraa cabsaa deemu kun lafa gabaabduu sa’a dheeraa deemuun magaalaa Ashii kan ga’e yoo ta’u, a achittis uummataan isintu WBO fidee fi waliin taatanii caasaa keenya diigdan akkasumas jibbiinsa guddaa nu irraa qabdu jechuun dhukaasaan magaalaa goolaa fi uummata dirqamaan reebanii mana bansiisaa turuun barameera.
 
Murni balfamaan bilxiginnaa kun kallattii cufan fudhatamaa uummata biratti dhabuu isaa afaan qawween dhokfachuu barbaadu reebicha, saamicha, hidhaa fi ajjeechaa tooftaan ittiin jibbiinsa  isaa dhokfatu taasifatus hawaasni Oromoo garuu sana irra darbee sirni bilxiginnaa sabicha biratti akka fudhatama hin qabne itti agarsiisaa jira.
 
 
 
 
 

Leave a Reply