• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Jalduutti sirni du’a qulqullootaan siyaasa dalagu PPn maanguddoo waggaa 70 dabalatee namoota sadii ajjeese

Jan 13, 2023

 
Lixa Shaggar Aanaa Jalduutti sirni du’a qulqullootaan siyaasa dalagu PPn maanguddoo waggaa 70 dabalatee namoota sadii ajjeese.
 
ONM – ABO – Amajjii 13, 2023 Maqaa jijjiiramaatiin sirna ajjeechaa fi buqqisuu Oromoo irratti haaromsuu kan eegale koloneel Abiy Ahimed waggoota arfan darbaniif qe’ee Oromoo barbadeessaa fi dhiigaan faala jira.
 
Maqaa duula ijibbaata tibba kana irra jiraniin miidha uummata irraan ga’aa jiran itti fufuun lixa shaggar Aanaa Jalduu ganda Koluu Galaanitti lubbuu namoota sadii sababa haaloo ba’insaaf ajjeesu maddi keenya ganda sana irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.
 
Akka maddi keenya kun himetti lola Amajjii 10, 2023 WBO fi faashistoota murna bilxiginnaa gidduutti gaggeeffameen gaaga’ama jabaa  isaan mudatetti aaruun lola sana booda maanguddoo ganna 70 obbo  Haayiluu Miidhaksaa mana isaatii fuudhanii ba’uun lafa lolaa sanaatti geessanii ajjeessan.
 
Obbo Kafanaa Dabalee abbaa maatii sadii kan ta’an galgala sana mana isaa osoo jiruu balbala cabsanii itti seenuun fuudhanii deemuun ajjesanii. Obboo Galataa Kumalaa abbaa ijoollee lamaas karaa osoo deemuu sababa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan. Kana malees nama eenyummaan isaa yeroof adda hin baane tokkos ajjeesanii jiraachu maddi keenya kun himeera.
 
Reenfa namoota kanniini akka waan WBO ajjeesaniitii magaala Jalduu waajjira Poolisii aanaa jalduu fuuldura kaa’uun itti sirbuu namootni ijaan argan yoo himan firootni reeffa obbo Galataa Kumalaa arganii boo’an obbo Ajjamaa Addunyaa fi Baqqalaa Addunyaa maaliif  boossaniif jedhamuun  mana hidhaatti darbaman.
 
Firrii fii maatiin haala ittiin reeffa fudhatanii awwaallatan dhabanii aarii fi gadda cimaan guutamanii turan.
 
Kanaan alattis ganda Koluu Galaan keessa mannii uummata cabee saamamee fi balleeffame hedduu yoo ta’u roorroo yeroo ammaa uummata keenya mudatu yoo nama xiiqomse malee hamilee nun buusu jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiif qoodaniiru.

Leave a Reply