Waraanni murna faashistii Itoophiyaa Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee keessatti dargaggoo tokko mana hidhaa keessaa baasanii ajjeesuun bakkeetti gatuun dhaga’ame.
ONM – ABO – Amajjii 13, 2023 Godina Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee keessatti waraana PP’n namootni nagaan guyyuu mana hidhaa keessaa baafamanii ajjeefamaa kan jiran yoo ta’u, waraanni sirnichaa ammas gocha isaanii kana itti fufuun aanaa Sayyoo Noolee Ganda Guutee Jiidhaa keessatti Amajji 10, 2023 dargaggoo Bajuuraa Cannaqaa mana hidhaa keessaa baasanii ajjeesuun bakkeetti gatuu jiraattotni dubbataniiru.
Dargaggoon kun qonnaan bulaa ganda Guutee Jiidhaa yoo ta’u sababa tokko malee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggarta jedhu itti maxxansuun torbanoota dura mana hidhaatti erga darbataniin booda Amajjii 10, 2023 halkan sa’a saddeet irratti mana hidhaatii baasuun ajjeesanii bakkeetti gatan jechuun jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattotni jedhanitti aanicha keessatti Waraana Bilisummaa Oromootti karaa agarsiistan, nyaachiftan akkasumas deggertan jechuun namoonni hedduun hidhamaa kan jiran yoo ta’u, ammatti baay’inni namoota mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiraniis 200 ol ta’uu dubbataniiru.
Akkasumas akka jiraattotni yaada isaanii kennanitti, namoonni mana hidhaa aanichaa keessatti argaman kunneenis carraan ba’uu isaanii kan hin jirree fi guyyaa du’a isaanii eeggachaa jiru.
Namootni hidhamanii jiran hedduunis halkan mana hidhaa keessaa baafamuun achii buuteen isaaniis kan dhabame hedduu ta’uullee dubbataniiru.
