Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti milishoonni murna PP saamicha namoota irratti hammeessu jiraattootni dubbatu.
ONM – ABO – Amajjii 14, 2023 Gareen murna faashistii PP milishoota beekumsaa fi dandeetti waranummaa ga’aa hin qabne qe’ee keessaa qabee meeshaa itti hidhee teessoo isaa tikfachuuf hawaasa nagaatti bobbaasuun Oromiyaa golee hunda keessatti namoota saamuun gidirsaa jiru.
Milishoonni hojii qonnaa dhiisuun murna bilxiginnaan meeshaa hidhachifaan kun meeshaa isaaniitti fayyadamuun uummata nagaa saamuu hojii idilee isaanii gochuun lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Biyyoo Waaggiddi jedhamu keessatti gaafa Amajjii 9, 2023 irra qabuun namoota humnaan qabanii mooraa isaanitti galchuun maallaqa irra fuudhanii gad dhiisa jiru jechuun namootni humnaan qabamanii saamaman tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Milishootni kun Obbo Bokii Assaffaa nama jedhamu yakka tokko malee qabanii mooraa isaaniitti hidhanii maallaqa humnaa olii gaafachuun guyyoota hedduuf osoo gad hin dhiisin dararaa jiru jedhan.
Akkasumas aaddee Dassituu Birruu kan jedhamtu abbaa manaa malee kan daai’ma shan guddisaa jirtu qabanii maallaqa fidi jennaan hin qabu, ani ijoollee kooyyuu waanan ittin guddisu hin qabu yeroo jettutti reebicha hamaa iratti geggeesuun amma du’aa fi jireenya gidduutti argamtis jechuun jiraattotni dabaluun dubbataniiru.
