Miseensi Poolisii Humna Addaa Oromiyaa WBO basaasuuf bifa Uummataan bobbaafame, Gujii Bahaa Aanaa Waadaraa keessatti to’atame.
ONM – ABO – Amajjii 14, 2023 Siyaasa dulloomaa fi miindaa xiqqaan goyyomsanii lubbuu dhaloota ol adeemoon tirgaa taphachaa kan oolan utubdoonni sirna Nafxanyaa, ilmaan Oromoo bifa gara garaan bobbaasuun jireenya dhabsiisaa jiru.
Bifuma kanaan Godina Gujii Bahaa aanaa Waadaraa irraa kan bobbaafame miseensi Poolisii Humna Addaa Oromiyaa maqaan isaa Jamaal Qaadii jedhamu, Waraana Bilisummaa Oromoon to’atame ture.
Dhaqii Waraana Bilisummaa Oromoo danqaraa keessa jirtu ilaalii deebi’i jechuun na ergani jechuun kan eegalu Miseensi Poolisii Humna Addaa Oromiyaa kun, Waraana Bilisummaa Oromoo akka basaasuuf mootummaan bifa uummataan akka bobbaases ni dubbata.
Baay’inaa fi akkaataa WBOn itti jiru deemii qoradhuu deebi’i jechuun Raayyaan ittisa impaayerittii na ergani kan jedhu Jamaal Qaadii, otuma an karaa irra deemaa jiruu WBOn na qabe jechuun ergama dhufeef galmaan otoo hin ga’iin harka gootichaa bu’uu dubbata.
Dhuma irrattis ilmaan Oromoo taanee moonaa diinaa keessa teenyee firaa fi aantee keenyatti diinomuun keenya dogoggora jechuun hiriyoota isaa fi ilmaan Oromoo moonaa diinaa keessa jiran maraan yakka seenaa irraa of baraaraa jechuun fuula uummataa duratti dubbateera.
