• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina Lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Gimbii keessatti sakatta’iinsa jechuun uummata dararaa turan

Jan 17, 2023

Godina Lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Gimbii keessatti sakatta’iinsa jechuun uummata dararaa turan.
 
ONM – ABO – Amajjii 17, 2023 Murni bilxiginnaa yaaddoo bulchiinsi kiyya xumuramaa jirti jedhu irraa qabuun magaalota aanolee fi godinaalee gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo itti dhiyeenyaan sosso’u keessatti sodaa qabaniin uummata nagaa sakattaa irratti geggeessu.
 
Bulchiinsa magaalaa Gimbii keessatti kaleessa Amajjii 16, 2023 ganda 03 naannoo baankii guddichaatti waraanni bilxiginnaa uummata karaa gubbaa dhaabuun sakatta’aa turan.
 
Uummata malees konkoolattotaa, doqdoqqee fi baajaajii dhabsiisuun sakatta’iinsa jabaa irratti raawwachaa turan.
 
Akka jiraattotni magaalattii jedhanitti sababni sakatta’iinsa kanaa sodaa waraana bilisummaa Oromoo ta’uu ibsuun erga dheengadda Amajjii 15tii kaasuun WBOn magaalicha rukutuuf waraana bifa uummataan magaalattii seensisee jira jechuun yaaddoo keessa seenuu isaanii ibsu.
 
Itti dabaluunis waraanni faashistii PP kun sodaa irraan kan ka’e gamoo irra, manneen namoota jalaa fi da’annoo keessa qabachuun ummata karaa isaanii darban WBOtu dhaqii ilaaliif si erge jechuun reebichaa fi hidhaaf saaxilaa jiraachuu himuun, darraaran ergamtootan sirnichaan irra ga’aa jiru olaanaa ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply