Waraanni murna bilxiginnaa maqaa WBO deggertuun godina Arsii lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee keessatti dargaggoota 2 hidhan.
ONM – ABO – Amajjii 17, 2023 Murni maafi’aa PP ilmaan Oromoo hidhuun diddaa uummatichaa ukkaamsuu tooftaa godhatee hojjetu, waanuma namni keessaa hin qabnee fi hin hojjenneen namoota nagaa hedduu yakkee hidhaatti guuraa jira.
Godina Arsii lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee keessatti waraana bilisummaa Oromoo kibba Oromiyaa fi kibba baha Oromiyaa keessa socho’an waliin hidhata qabduun namootni nagaa hidhamuu itti fufuun Amajjii 5, 2023 ganda 04 keessatti dargaggoo Diittaa Shuumaa jedhamu kan hidhan yoo ta’u, Amajjii 7 ammoo achuma magaalaa Shaashamannee keessatti dargaggoo Baatirii Leellisoo jedhamu qabanii waajjiira poolisii ganda 08tti hidhanii dararaa jiru.
Hidhaan Oromummaa irratti xiyyeeffate magaalaa Shaashamannee keessatti hammachuun Jimaata darbe Amajjii 13 maanguddoo Oromoo obbo Dhaqqabaa Waariyoo qabanii hidhuun hanga yoonaa gad hin dhiisne.
Magaalaa Shaashamannee keessatti ilmaan Oromoo godina Gujii fi Boorana irraa magaalicha qaxxamuranii fi aanota godinichaa garaagaraa keessaa barnootaaf dhufan badii tokko malee qabamanii hidhamuun buufata poolisii garaagaraa keessatti hidhamanii dararamaa akka jiran maddeen magaalaa Shaashamannee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

