• Fri. Apr 26th, 2024

Duula ijibbaataa Tibba kana PP’n Oromiyaatti labseen lixa Shaggaritti waraanni mootummaa 11 ta’an hidhannoo isaanii guutuun mooraa qabsoo Oromootti makaman

Jan 18, 2023


ONM – ABO – Amajjii 18, 2023 Dhufaatii koloneel Abiy Ahimediin wal qabatee sirni leelliftoota nafxanyaa deebi’ee haaromuun qe’ee Oromoo qe’ee dhiigaa fi gadadoo godhee jira.
 
Ilmaan Oromoo Waraana sirnichaa keessa taa’anii qe’ee Oromootti gaddaa fi gadadoo galchaa jiran hedduun isaanii mooraa diinaa keessaa ba’uun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti makamaa jiru.
 
Tibba kana waraana Kaaba impaayerattii maqaa waliigaltee araaraatiin dhukaasa dhaabuun waraana isaa guutuu Oromiyaa irratti bobbeese jira.
 
Waraanni kunniin golee Oromiyaa cufa keessatti Waraana Bilisummaa Oromootiin hedduu haleelamaa jiru, hedduun isaaniis harka kennachuu irratti argamu.
 
Lixa Shaggar Aanaa Amboo, Ilfataa, Cobii fi Gindabaratitti sochii duula kanaa kan eegalan Mudde 26,2022 yoo ta’u hanga gabaasni kun qindaa’etti ilmaan Oromoo quuqama saba isaanii qaban 11 ta’an mooraa diinaa keessaa hidhannoo isaanii guutuudhaan gara mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO WBO’n hoogganamuutti dabalamanii jiru.
 
Miseensonni kunniin meeshaa waraanaa AKM, Turkey, Isnaayipperaa fi rasaasa hedduu waliin kan dhufan yoo ta’u gulantaan isaanii miseensaa hanga ajajaa dhibbaatti keessatti argamu.
 
Miseensonni kunniin turtii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin godhaniin sirni bilxiginnaa  sirna saba keenya hin fayyadnee fi ilmaan Oromoo achi keessa jiranuu garbummaa hamtuu keessa waan galcheef ulaa argatan maraan gara mooraa qabsoo Bilisummaa Oromootti akka dhufan waamicha godhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading