ONM – ABO – Amajjii 18, 2023 Murni waggoottan arfan darban waraana aangoo siyaasa isaa tiksan Oromiyaatti bobbaasee haadha dhiiraa heddu bossisee, saamee akkasumas qe’ee irraa buqqise bilxiginnaan har’as sagalee qawwee uummata irraa callisiisuu irra loltoota kaaba impaayerittii irraa deebise qe’ee uummataa ittiin gooluu Oromiyaa bakkoota cufatti bobbaasaa jira.
Torbee darbee qabuun kibba Oromiyaatti waraanni gejjibsiifamaa turan harki caalu godina Gujii lamaan keessa buufatanii jiru.
Godina Gujii magaalaa godinichaa Bulee Horaa keessatti waraanni bilxiginnaa torbee darbee kaasuun qubsiifam loltootaa fi meeshaalee waraanaa konkoolataa harkifataa 29, ISUZU, konkoolataa fe’umsaa 19, paatiroolii 16 fi Oraalii 4 ta’uun barameera.
Hogganaan waraana bilxiginnaa Biraanuu Juulaa torbee isaan Gujii deemuun WBO balleessuuf dhaadatetti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii magaalaa Bulee Horaa keessatti fudhachuun hidhamtoota gadhiiseen rifaatuu keessa seenanii waraana hedduuminaan godinichaa guuraa akka jiran odeessa maddeen waraanaa irraa arganne ni ibsa.