• Wed. Nov 29th, 2023

Kaaba Oromiyaa godina Walloo ona Jiillee Dhummugaa keessatti poolisootni federaalaa fi humna addaa Amaaraa uummata nagaa irratti lola bananiin 8 ajjeesanii gariin madeessan

Jan 22, 2023

ONM-ABO 22 Amajjii 2023 Kaleessaa Amajjii 21,2023 sa’a 9:00 irraa eegalee, hanga gabaasni kun qindaa’etti Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummugaa ganda Jaawwa’aa yookiin Naannoftuutti poolosootni fedraalaa fi naannoo Amaaraa uummata Oromoo irratti lola baniin lubbuu namootaa fi qabeenya balleessaniiru.

Aanichuma ganda Goodaa Calleettis sa’a 12:00 hanga halkan sa’a 6:00tti uummata irratti rasaasa akka bokkaa itti roobsaa turan.

Lola aanaa Jiillee Dhummugaa keessatti ergamtootni bilxiginnaa fedhii lafa babal’ifannaa Amaaraa guutuuf hojjetan kun taasisaniin hanga ammaatti Oromootni dhiirri 6 fi dhalaan 2 walumagalatti namootni 8 yoo ajjeefaman namootni baay’een madaa’uun qabeenyis barbadaa’eera.

Lollichii kan itti fufe jiru yoo ta’u ,humna guddaa konkolaataa 40 itti fe’aa jiru.

Uummatatti karaa cufuun madoo isaanii illee akka hin yaallanne taasisaa jiru.

Finxaaleyyootni Amaaraa waraana murna bilxiginnaa fayyadamuun godina Walloo aanota garaagaraa keessatti yeroo eeganii tarkaanfii fudhachuun miidhaa kan qaqqabsisaa turan yoo ta’u, har’as fedhii lafa Walloo irraa Oromoota buqqisuu qaban afaan qawween guuttachuuf bulchiinsa faashistii koloneel Abiyi Ahimed irratti hirkachuun hojjechaa akka jiran ni beekama.

Leave a Reply