• Sat. Sep 23rd, 2023

Baha Shaggaritti Summiin nyaatatti godhamee WBOf taa’e re’oota ajjeesuun dhaga’ame

Jan 30, 2023

ONM-ABO Amajji 30, 2023 Waraana Bilisummaa Oromoo lolaan dadhabuun tooftaalee akka qeenxeen sossobanii WBO galchuu, diroonii fayyadamuu, yeroo rukkutamanitti nyaata summaa’aa lafatti gatanii deemuun WBOn nyaatee akka miidhamu gochuu, maatii qabsaa’otaa fi sabboontota gidirsuun jiilchuu fi kkf tti dhimma ba’aa kan jiran murni bilxiginnaa, Baha Shaggar aanaa Boosatitti nyaata summaa’aa lafatti gatanii deemuun re’oonni uummataa nyaatanii dhumuu namni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise  tokko himeera.
 
Akka jiraataan kun jedhetti galaa summiin makame baatanii naannoo WBOn qubatee jirutti dhiyaachuun dhukaasa erga bananiin booda, akka nama injifatameetti galaa nyaataa qaban cufa harcaasanii kan baqatan yoo ta’u, battalumatti re’oonni bakka sana turan galaa sana nyaachuun re’eenni 3 du’uu dabaluun himeera.
 
Qaamonni nageenyaa tooftaa ittiin  WBO danquu dandeenya jedhan baafatanii hojiitti seenanii jiran keessaa nyaata summaa’e WBOf dhiisanii baqachuu kan jedhu isa tokko yoo ta’u, hojiitti hiikuu isaa eegalanii jiraachuu gocha kana irraa mirkaneeffachuun ni danda’ama.
 
Aanaa Boosat bakka 55 jedhamutti Amajji 28, 2023 gocha kana kan raawwatan ta’uu kan ibse jiraataan kun WBOn bakka hundaayyuu tooftaa PP kanatti dammaquun irraa of eeggachuu qaba jechuunis ergaa isaa dabarfateera.

Leave a Reply