ONM-ABO 2 Guraandhala 2023 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Dogoo iddoo addaa Baddaa Magaadaa bakka jedhamutti kaleessa Guraandhala 1/2023 sa’a 10:40 irraa kaasee hanga ganama sa’a 12:30 tti lola geggeessaa tureen loltoota PP kutaa waraanaa 38 ffaa murni bilxiginnaa Itoophiyaa saamichaa fi duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachuuf bobbaafaman guutuutti dhabamsiisuun loltoota isaanii 240 harkaan qabee jira.
Itti dabaluunis qawwee AKM 306
Disqaa 1
PKM 6
Rasaasa 6000
Boombii 16 irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira
Reeffaa isaanii kaafachuu dadhabuun bakkee irra ciccisaa jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!



