• Tue. Dec 5th, 2023

Gujii Lixaatti lola sa’atii dheeraa gaggeeffameen Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo injifannoo galmeessuu beeksise

Feb 2, 2023

ONM -ABO Gurraandhala 2, 2023

WBO sakatta’uuf Kutaan Waraanaa tokko gara Gujii Lixaatti ergamuun Oromoo dararaa kan turan kaleessa Godina Gujii Lixaa Baddaa Magaadaatti lola sa’atii dheeraa fudhateen WBOn injifannoo guddaan goolabeera.

Gurraandhala 1, 2023 Baddaa Magaadaatti lola guyyaa keessaa sa’a 11:00 irraa eegalee hanga halkan sa’atii 4:00 tti fudhateen reeffaafi madoo heedduun adabuun hanga ammaatti namoonni fayyaatti harkaan qabaman 100 yoo ta’an ammallee facaatuun funaanamaa jiraachuu hooggansi WBO bakkichaa beeksiseera.

Gama meeshaatiin, qawwee
AKM 200,
PKM 3
Diishqaa 1 fi hidhoolee waraanaa gara garaa booji’uun moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii taasiseera.

HUB:- Hanga ammaatti meeshaas ta’e namni harca’ee hafe funaanamaa waan jiruuf lakkoofsi booji’amaas ta’e meeshaa dabaluu mala.

Leave a Reply