ONM-ABO 2 Guraandhala 2023
Guraandhala 1, 2023 humna waraana murna bilxiginnaa aanaa Midaa Qanyiiti gara ganda Goodaa Galaan magaalaa Bixxilleetti bobba’e rasaasa Cibraa Torban Midaa fi Birgeedii Bakakkaan machaa’u kan eegale ganama sa’aati 3:00ni.
Lola kanaan gootichi dirree lolaa wal harkaa butuun humna diina gugsee kan waadee yoo ta’u hedduu isaanii du’aan, kaan madoon kaanis harkaan qabeera.
Eegdonni sirna PP humna addaa Oromiyaa, ‘Komaando’, Raayyaa Ittisa impaayeera, milishoota fi caasaa aanaa waliin qindaa’e uummata dararuuf ba’e 29 (cibraan 7n Miidaa kan qabe kumaalaa kumaa tokkoo fi waraana 8) fayyaatti kan harkaan qabamanii dha.
Lola galgala keessa haga sa’a2:00tti lolame kanaan humna diinaa hedduu du’aa fi madoo damdammii hin qabneen adabeera. Gama meeshaatiin AKM Turki, Bireenii fi sniper dabalatee, rasaasa, meeshaalee qunnamtii hedduun irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii ta’eera.
Injifannoon Uummata Oromoof!

