ONM- ABO Guraandhala 3, 2023 Fedhii duula lafa babal’ifannaa fi uummata Oromoo kaaba Oromiyaa godina Walloo keessaa buqqisuuf qaban milkeessuuf Amajjii 21, 2023 bifa bifa haaraan duula duguggaa sanyii uummata Oromoo Walloo aanaa Jiillee Dhummugaa irratti eegaleen bakkoota biroottis miidhaa lubbuu fi qabeenyaa kan qaqqabsisan humnoonni finxaaleyyii Amaaraa, ammas humna jabaa qindeessuun qophii irra jiru. Duula bifa haaraan uummata Oromoo Walloo lafa abbootiin isaanii dhiiga, lafee fi lubbuu itti aarsaa gochuun asiin ga’an kana irraa buqqisuuf qophii xumuraniin bakkoota haleellaa jabaa itti raawwachuuf karoorfatan irraa saba Amaaraa keessaa baasaa jiru. Magaalaa Kamisee, Haxayee, Sanbatee fi magaaloota addaa addaa keessaa uummata Amaaraa baasuun Oromoon addatti jumlaan ajjeesuuf haalduree mijeeffachaa akka jiran himamaa jira. Humnootni tarkaanfii uummata Oromoo irratti fudhachuuf qopheeffaman humna addaa naannoo Tigraay irraa waamaman, poolisii idilee, milishaa fi Faannoo walitti qabamanii naannicha marsanii jiranii dha. Kana malees kaabinoonni bilxiginnaa aaanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraa uummata nagayaa walitti qabuun mooraa humni addaa Amaaraa keessaa baqate keessaa meeshaa guurrattan fidaa jechuun yoo hin fiddan ta’e, humna jabaa isinitti hiriirsuuf jirra jechuun doorsisaa akka jiran jiraattotni godina Walloo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
