• Tue. Dec 5th, 2023

Murni bilxiginnaa manneen jiraattotaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessaa diiguu itti fufe

Feb 17, 2023

 
ONM-ABO Guraandhala 17,2023
Murni guddinni magaalaa hawaasa keessa jiraatuu fi qarqaara magaalaa miidhuu hin qabu jechuun miidhaa Oromoon babal’achuu magaalaa Finfinneen wal qabatee arge, kaasuun irraanfachiisuuf yaalu bilxiginnaan, miidhaa afaaniin balaaleffatu qabatamaan gochuu irraa duubatti hin deebine.
 
Maqaa ijaarsa seeraan alaa fi guddina magaalaan bulchiinsa magaalaa Buraayyuu iddoo addaa Aannee Diimaa jedhamutti Guraandhala 14, 2023 koreen bulchiinsa magaalaa qaamolee nageenyaa waliin wal ta’uun manneen namoota hedduu diiganii jiru.
 
Gocha Kibxata darbe raawwate kanaan ilmaan Oromoo hedduun da’oo malee hafaniiru. Qabeenyi hedduun manca’uun harmootiin daa’imman isaanii waliin bakkeetti ba’anii jiru.
 
Jireenya magaalaa haalaan qaala’e kanaan uummata jiraachuu dadhabe, mana waggaa meeqa  itti dadhaban irratti diiguun namoota sana kadhaaf saaxiluun wal hin caalu jechuun jiraattootni dubbatu.
 
Murni bilxiginnaa magaaluma Buraayyuu naannoo Qeeraattis manneen uummataa hedduu diiguun haadha deessuu dabalatee daa’imman baay’ee daandiitti baasuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply