• Fri. Apr 26th, 2024

Godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu keessatti waraanni Murna bilxiginnaa  Uummata nagaa jumlaan hidhuu itti fufan

Feb 18, 2023

(ONM-ABO Guraandhala 18, 2023)

Murni dabaan aangoo irra jiru bilxiginnaan hidhaa furmaata nagaa fiduu taasisuun namoota hedduu maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun goleelee Oromiyaa keessaa adamsee hidhuu jabeessee jira.

Haaluma kanaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu bulchiinsa magaalaa Haroo keessatti torban tokko qofa keessatti namoota baay’inaan 275 ol kan hidhan yoo ta’uu hidhamtoota irratti reebichaa fi miidhaa garagaaraan geessisaa  jiru

Namoota hidhamanii jiran keessaa kan maqaa arganne Gammachisaa Dojaa, Nagaraa Amanuu, Masarat Abdannaa Geetaahuun Taammiree, Mohaammed Alqaadir ,Siraaj Addisuu, Ahimed Amiidoo,Tasfaye Lammii fi Gonshoree Huseen warreen keessatti argaman ta’uu Maddeen ibsaniiru

Nagaa uummaata shororkeessuu irra darbee murni bilxiginnaa uummata nagaa siyaasaa kam keessaa hin qabne gamoo bulchiinsa aanichaatti hidhanii dararaa kan jiran yoo ta’u, shammarree kutaa 10 barachaa turtee dhukkubbii sammuu godhatte hidhaa keessatti sagaagilaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading