• Tue. Dec 5th, 2023

Ilmaan Oromoo lixa Oromiyaa irraa magaalaa Finfinnnee naannoo Meeksikkootti murni bilxiginnaa hidhaa ture maallaqa irraa fudhachuun gadhiisan

Feb 24, 2023


ONM-ABO Guraandhala 24,2023
Ilmaan bakka dhaloota isaaniin yakkuun magaalaa Finfinnee keessatti hidhee dararaa, reebicha geggeessaa fi ajjeesaa jira.
 
Maqaa Oromoo dha’achuun gocha farrummaa kan hojjetu bilxiginnaan ilmaan Oromoo lixa Oromiyaa irraa hojii idilee isaaniif magaalaa Finfinnee keessa socho’aa turan qabanii naannoo Meeksikootti hidhaa baatii dheeraan erga dararaa turaniin booda namoota muraasa torbee kana keessa maallaqa irraa guurrachuun gadhiisan.
Dhalootaan godina lixa Wallaggaa ona Qondaalaa kan ta’e nama, Amiidee Ahimed Abdulkariim irraa qr 15,000, dhalataa ona Mana Sibuu Naatol nama jedhamu irraa qr 40,000 fudhatanii gadhiisuun namoota hedduun achi keessatti hambisuun dararaa jiru.
 
Kana malees magaalaa Finfinnee  naannoo Cirracha Goorootti nama Reeduwaan Iliyaas Onchoo jedhamu baatii saddeetiin dura qabanii achi buutee dhabamsiisan hanga ammaatti hin argamin jiraachuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
 
Caasaan murna bilxiginnaa godina Lixa Harargee aanaa Gammachiis keessatti daandii albuudatti geessu baafannaan qabeenya mancaasaa jiraachuun barame.

Leave a Reply