ONM-ABO 6 Bitootessa 2023
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo humni Furgaatuun zoonii kibba bahaa fi baha Shaggar Cibraa Laga-Awaash Buttaan YAYYII waliin ta’uun godina Arsii bahaa aanaa Martii ganda Wataroo-Diinoo bakka addaa ardaa Dileebaa jedhamtutti, haxxee diinatti hidhuudhaan Jimàata darbe Bitootessa 3 ,2023 sa’a 7:00 irratti konkolaataa diinaa humna irra jiru ajajaa 100 waraana bilxiginnaa maqaan isaa Damisee Darcoo jedhamuu fi tika aanaa martii Abdii sheek Abdurramaan waliin hedduu isaanii daaraa godhee jira.
Ittuma fufuun guyyama kana godinaa Arsii bahaa aanaa Martii ganda Wataroo-Diinoo bakka addaa Leemusaa jadhamutti, abdii fi gaachanni sabaa WBOn humni Furgaatuu waloo Zoonii kibba-bahaa fi Baha-Shaggar Cibraan -Laga-Awaash Buttaan YeyyiiI fi Cibraan , Hambaa Aanoolee Buttaan Leenjisoo Diigaa waliin ta’uudhaan, sa’a 10:00 irraa kaasee hanga 12:30 tti lolaa gegeesseen battalatti 20 ajjeessuun 50 ol madoo taasiseera.
Tarkaanfii boonsaa waraana weerartuu PP irratti fudhatameen qawwee AKM Turkii 4 hidhannoo guutuu waliin, rasaasa 200, boombii 3 dugda diinaa irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!