• Sun. Oct 1st, 2023

Godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti waraanni fi milishootni bilxiginnaa dararaa uummata irraan ga’an jabeessan

Mar 11, 2023

ONM-ABO 11 Bitootessa 2023

Uummata  akka dararaniif murni bilxiginnaa waraanaa fi caasaa isaa erga uummata keessatti bobbaasee hawaasni miidhaa fi goolama malee nagaa hin arganne.

Godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa  magaalaa Mogor keessatti milishootni teessoo barattootaa mana barumsaa keessaa kan guurratan yoo ta’u Bitootessa 8, 2023 milishoonni kun dargaggoo  maqaan adda hin baane daandii irraa qabuun warshaa Simmintoo Mogor cinaatti ajjeesanii naannoo Oboshoo bakka Xabala jedhamuun beekaamutti gatan.

Magaalicha keessatti waraanni faashistii baay’inaan bobbaafaman dhuganii machaa’uun halkan rasaasa dhukaasaa waan bulaniif uummatni ganama loon bobbaafachuu sodaatee loon isaa hidhaatti oolchaa jiraachuutu himama.

Akka jiraattotni magaalaa Mogor dubbatanitti waraanni faashistii sabaan wal qooduun meeshaa wal irraa hiikuu fi walii abboomamuu diduun hawaasa keessa deemuun saamicha, reebichaa fi doorsisanii nyaachuu geggeessaa jiraachuu dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply