• Mon. Sep 25th, 2023

Godina Horro Guduruu aanaa Jimmaa Raaree keessatti waraanni maafi’aa pp hidhaa jabeessee Itti fufe 

Apr 4, 2023

ONM-ABO Ebila 4, 2023

Mataan Nafxenyootaa Abiy Ahmad waggoottan shanan aangootti dhufe keessatti Ilmaan Oromoo Kuma kurnootaan ajjeessuun, Kuma dhibbootaan ammoo hidhuu fi manca’iinsa qabeenya maallaqa hedduutti tilmaaman barbadeessuun  isaa Kan nama jelaa dhokatu miti.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree Gannatii bulchiinsa magaalaa Gobaan keessatti waraanni bilxiginnaa dargaggoota Oromoo maqaan Isaanii Tashaalee Addunyaa, Dajanee xaafuu fi Asiiree Hundarraa dabalatee namoonni hedduun mana hidhaa keessatti hidhamanii jiraachuu maddeen himan.

Dargaggoonni waraana bilxiginnaatiin hidhamanii mana keessatti halkanii fi guyyaa gidirfamaa jiran Kun, hawaasa  naannoo isaanii keessatti naamusa gaarii Kan qaban yoo ta’u, siyaasa Kam keessaayyuu Kan hin qabnee fi dargagoonni egeree biyyatiif abdachisoo ta’an Kun mana hidhaa keessatti yakka malee yakkamuun Oromummaa Isaanii qofaf hidhamanii dararamaa jiru.

Leave a Reply