• Sun. May 28th, 2023

Poolisootni humna addaa Beenishaangulii fi milishootni isaanii ajjeechaa fi saamicha ilmaan Oromoo irratti geggeessan hammeessan 

Apr 10, 2023

ONM-ABO Ebila  10, 2023

Gareen hannaaf of ijaare bilxiginnaan qaamolee barcuma aangoo isaa akka tiksaniif bobbaase fayyadamuun  daangaa irraan ilmaan Oromoo ajjeesuu fi saamsisuu itti fufee jira.

Haaluma kanaan torbee darbe keessa godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Shalxaa keessatti poolisootni humna addaa Beenishaangulii fi milishootni isaanii namoota 30 ol ajjeesuun namoota 250 ta’an qe’ee irraa buqqisuun qabeenyas saaman.

Namootni humnoota badii kanaan ajjeefaman Jibriil Abdullaayii, Kamaal Gaaddisaa, Abdallaa Abdurhamaan, Taajuddiin, Mangistuu fi kanneen biroo maqaan nu hin ga’in jiru.

Namootni buqqaa’an gariin mana barumsaa Shalxaatti yeroo walitti qabaman gariin isaanii ammoo magaalaa Asoosaa fi Baambaasiitti dhokatanii baqachuun rakkoo jireenyaa dhandhamaa jiraachuu maddeen gabaasaniiru.

Leave a Reply