• Mon. Sep 25th, 2023

Waraanni faashistii PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti saamicha geggeessuu itti fufan

Apr 10, 2023

ONM- ABO Ebila 10,2023

Uummatni nagaan ba’ee galuu kan dhorkatan waraanni nama nyaataa PP bakka qubsiifaman cufatti hawaasa irraa maallaqa saamuu fi faayaa garaagaraa qaama irraa hiikkachaa jiru.

Gareen saamichaaf qawwee hidhachiifamuun bobbaafaman kun godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Muggii keessatti maallaqa, moobaayila, nyaataa fi faayaalee garaagaraa hawaasa irraa saamaa oolu.

Guyyaa har’aa Ebla 10, 2023 ganama irraa eegaluun daandii ittiin hawaasni baadiyaa irraa gabaa Muggii dhaqan irra dhaabbachuun qarshii dhibba shan shan kaffalchiisanii dabarsu.

Hawaasni sodaa lubbuu isaaniif jecha waan ittiin gabaa irraa bitachuu dhaqan farreen uummataatti kennanii deebi’aa turan.

Armaan duras magaalaa Muggii keessatti namoota baadiyaa irraa magaalaa seenan irraa qarshii dhibba lamaa fi abbootii qabeenyaa naannichaa irraa qarshii shantama shantama  maqaa daandii sirreessinaan guurrachaa kan turan yoo ta’u, miseensotni waraanaa sa’a 12:00 booda nama karaa irratti argan maallaqaa fi moobaayila giiphii keessaa fudhachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Muggii gabaasaniiru.

Leave a Reply