ONM-ABO Ebila 10, 2023
Jaarmiyaan ABO- WBO garbummaa hidda gadi fageeffate ilmaan Oromoo irraa buqqisee bilisummaa gonfachiisuun lafa taadhii fi baadhatuu irra nagaan akka jiraatu gochuuf qaqqaaliiwwan saba isaaniif lubbuu kennuuf murteessan fudhatee leenjisuun dirqama itti aanuuf bobbaasuu itti fufee jira.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo mooraa zoonii lixaa keessatti torbee darbe Ebla 4, 2023 kaadhimamtoota Waraana Bilisummaa Oromoo haarawwaa simatee leenjii siyaasaa fi waraanaa kennaafii ture eebbisisuun diina saba isaanii irraa akka lolaniif bobbaasee jira.
Eebba kana irratti ajajaan olaanaa ABO-WBO Jaal Marroo Dirribaa, abbaa mooraa Jaal Wiirtuu Galataa fi qondaaltotni WBO biroon argamanii jiru.
Abbaa mooraa WBO zoonii lixaatti Jaal Wiirtuun akka jedhanitti qabsoon Oromoo jabaatee itti fufuun diina raasaa waan jiruuf uummatni keenya keessaa fi alaan tokkoomee WBO bira dhaabbachuu qaba jechuun dhaamaniiru.
Ajajaan olaanaa ABO-WBO eebbifamtootaan baga geessan jechuun haalsuuna leenjiin WBO keessa darbuu qabuu, tokkummaa qabsoo, afaanfajjii fi shira gama murna bilxiginnaan deemu irratti ergaa jajjabduu dabarsaniiru.
Eebba Miseensota WBO haarawaa Ebla 4, 2023 geggeeffame kutaa lamaan har’a galgalaa fi bor qabannee isiniif dhiyaanneerra.



