ONM-ABO Eebila 19, 2023
Waraanni raayyaa ittisa Impaayera Itoophiyaa dandeettii loltummaa fi ga’umsa waraanummaa hin qabne mooraa waraanaa qubsiifamanii jiran keessatti Wal gaarreffachuu fi Wal dhabdeen gidduu isaaniitti uumamuun guyyaa gara guyyaatti meeshaa walitti dhukaasuun lubbuu walii obbaasaa jiru.
Bifuma kanaan kaleessa Eebila 18, 2023 kibba Oromiyaa aanaa Abbayya Ladoo magaalaa Ceecaa keessatti Miseensi waraana raayyaa ittisa Impaayerattii tokko, ajajaa dhibbaa tokko meeshaa itti dhukaasuun yoo ajjeesu, dhuma irrattis meeshaa isaa deebisee ofitti dhukaasuun of ajjeessuu Isaa himan.
Sababni walitti bu’iinsa isaanii addatti ifaa ta’uu baatus mooraa waraana bilxiginnaa keessatti sabaan wal qooduu fi arrabsoo garaa garaa dabalatee dhiibbaan sanyummaa jiraachuu irraa Kan ka’e nagaa fi tasgabbiin mooraa waraana bilxiginnaa keessa akka hin jirre odeessi keessoo isaaniitii ba’u ni addeessa.
Walitti bu’iinsi mooraa waraana bilxiginnaa keessa jiru Kun babal’achaa adeemuun, miseensonni raayyaa ittisa Impaayerattii sabaan wal qoodee Wal ajjeesuu fi hedduun Isaanii ammoo meeshaa fi hidhannoo isaanii fudhatanii gara waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiraachuun beekamaadha.
