ONM-ABO Eebila 21, 2023
Rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessa jiru baballa’achaa deemuun qabeenyi hedduun barbadaa’uu, lubbuun namoota nagaa baduu fi hidhaa dabalatee dararaan garaagaraa raawwatamaa jira.
Waggoottan shanan kana keessatti erga faashistichi Abiy Ahimed gara aangootti dhufee ajjeechaan ilmaan Oromoo irraa kan hin dhaabbanne yoo ta’u, kibba lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii ganda Ganyoo Goolamitti Ebla 20, 2023 qonnaan bulaa obbo Mallasaa Jaamboo jedhamu waraanni shororkeessaan Abiy Ahimed yakka tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun ajjeesanii jiru.
Obbo Mallasaa Jaamboo hojii qonnaa irratti bobba’uun ofii fi maatii isaanii kan jiraachisan yoo ta’u, hawaasa naannoo isaanii keessatti jaarsa biyyaa ta’uun kan tajaajilanii fi jaallatamummaa guddaa qabaachuu isaanii maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
