• Thu. Apr 25th, 2024

Waraanni faashistii PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Ashii irraa moortara dhukaasuun manneen qonnaan bulaa 10 barbadeessuun barame

Apr 21, 2023

ONM-ABO Eebila 21, 2023

Sirni koloneeffattuu impaayera Itoophiyaa duguggaa sanyii fi mancaatii qabeenyaa qe’ee Oromoo irraan ga’aa waggoota hedduu lakkoofsiste, itti fufuun har’as bara gadaa Abiy Ahimed meeshaalee ammayyaa fi humna namoota leenji’anii hedduu fayyadamuun  miidhaa gurguddaa qaqqabsiisaa jirti.

Haaluma kanaan dheengadda Eebila 19, 2023 fi kaleessa Eebila 20 waraanni faashistii PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Ashii qubatanii jiran moortara magaalaa Ashii irraa gara ganda qonnaan bulaa isaanitti dhiyoo Dullii jedhamtuutti dhukaasuun manneen qonnaan bultootaa 10 barbadeessanii jiru.

Moortara dheengadda Eebila 19 marsaa 6 darbataniin manni 6 yoo gubatu kan kaleessa Eebila 20 marsaa 4 darbatameenis manneen qonnaan bultootaa 4 barbadaa’uun barameera.

Abbootii manneen jalaa gubate keessaa kan maqaan nu ga’e obbo Daani’eel Fayyisaa abbaa maatii yoo ta’u, obbo Daani’eel qabeenyi isaanii guutuutti barbadaa’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa aanaa Anfilloo gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading