• Tue. Dec 5th, 2023

Godina baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu fi Giddaa Ayyaanaa keessatti finxaaleeyyonni Amaaraa waraana PP’n tumsaman ajjeechaa fi saamicha raawwachuu itti fufan 

Apr 22, 2023

ONM-ABO Eebila 22, 2023 

Finxaaleyyiin Amaaraa Oromiyaa keessatti murna bilxiginnaan tumsamuun akka Waraana Bilisummaa Oromoo dura dhaabataniif ijaaraman har’a humnaa fi leeccalloon cimuun uummata nagaa ajjeesaa fi qabeenya saamaa jiru.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu ganda Qoqqoffee keessatti Amajjii 19, 2023 galgala nama tokko ajjeesuun qabeenya mana keessaa dabalatee horii 45 saamanii deemanii jiru.

Nammi finxaaleeyyiin kun ajjeesan luba waldaa kiristaanaa kan ta’e, obbo Immiruu kan jedhaman ta’uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasaniiru.

Kana malees guyyuma kana obbo Goojor Goobanaa jiraataa aanaa Giddaa Ayaanaa ganda Heeban ajjeesuun qabeenya mana keessaa dabalatee loon naannoo sanaa 70 ooffatanii deemuu jiraattonni miira aariin Arraata Biyyoollesa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply