• Sat. Apr 27th, 2024

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii sadii mooraa bilxiginnaa ganuun godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa irraa WBOtti harka kennatan 

Apr 22, 2023

ONM-ABO Eebila 22, 2023

Dhaabbatni waraana bilxiginnaa booji’amaa TPLF Jeneraal Biraanuu Juulaan hogganamu lola uummata Oromoo irratti labsee ilmaan Oromoo ajjeesaa fi dargaggoota Oromoo humnaan qabee duula waraana impaayerattii tiksuutti bobbaasuun ficcisiisaa jiru daangaa darbuu isaa kan hubatan miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii sirnicha ganuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan kaleessa Eebila 21, 2023 kibba Oromiyaa godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa mooraa magaalaa Baddaa Magaadaa irraa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii barcuma Abiy Ahimed akka tiksaniif goyyomfamanii bobbaafaman 3 qawwee AKM 3 hidhannoo guutuu waliin mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo gabbisanii jiru.

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii kun sirnicha waraanummaan tajaajiluuf dirqiin akka leenjii fudhatan kaasuun, tooftaan bilxiginnaan ittiin deemaa jiru Oromoo cabsuu waan ta’eef gocha isaa kana hubannee qawwee keenya waliin qabsoo saba keenyaa bira dhaabbachuuf WBOtti harka kennine jedhan.

Dhuma irrattis ilmaan Oromoo goyyomsaan mooraa waraana bilxiginnaa keessatti hafuun hoolaa ayyaanaa ta’uuf qophaa’anii jiran aarsaa hin barbaachifne kafaluun gabrummaa Oromoo irra bubbulchuu irra qawwee fi hidhannoo isaanii waliin gara gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti akka dhufan waamicha dhiyeessaniiru.



Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading