ONM-ABO Ebla 24, 2023
Sirni nama nyaataan PP WBO fi uummata Oromoo adda baasuu dadhabe kun oppireeshinii lolaa bifa haaraan labsaa kan jiru yoo ta’u, kan marsaa ammaa gocha gara jabeenyaa uummaticha irratti raawwachuu of keessaa akka qabu maddeen keenya keessoo PP tii gabaasaa turaniiru.
Haaluma kanaan, Ebla 22, 2023 waraanni gabroonfataan PP kun qote bulaa horii isaa barbaaddachuu deemu tokko baajaajii keessaa buusuun rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gataniiru. Namni kunis maqaan isaa Burqaa Buudee Dambalaa jedhama.
Baha Shaggar aanaa Fantaallee bakka addaa mooraa lammaffaa jedhamtutti kan ajjeesan yoo ta’u, Burqaan jiraataa Ganda Gidaaraa ta’uu fi jireenya mataa isaa jiraachuu malee siyaasa kam keessayyuu akka hin jirre maddeen keenya gabaasaniiru.
Mana isaatii ba’ee horii isaa barbaaddachuuf obboleessa isaa waliin baajaajii yaabbatee deemaa osoo jiruu waareen Sa’atii 8:00 tti Isa qofa baajaajii irraa buusanii Waraana Bilisummaa Oromoo bira deemaa jirta jechuun ragaa tokko malee sa’atii 10:00 tti rasaasaan ajjeesanii gatuu maddeen keenya ona Fantaallee irraa gabaasaniiru.

