ONM-ABO Ebla 24, 2023
Uummata Oromoo Hordoftoota amantaa Musiliimaa aanaa Saasiggaa ganda Baloo lammaffaa ayyaana Iida kabajuuf dirree Iidatti bobba’aa turan irratti waraanni faashistii Abiy Ahimed sababa hin beekamneen dhukaasa banuun namootni hedduun yoo mada’aan, lubbuun namoota ja’aa ammoo battaluma sana darbuun barameera.
Gochi kun Ebla 21, 2023 kan raawwatame yoo ta’u obboleeyyan lamaan Maammadoo Jannatee Fi Aliyyii Jannatee dabalatee namootni maqaan isaanii Jamaal Ahmad Dhaa’ee abbaa ijoollee, Huseen Abdallaa Bakar. Jaafarii fi namni tokko kan maqaan nu hin ga’in ajjeefamuun, hawaasa gammachuun ayyaana kabajachuuf ba’e irratti gochi suukkanneessaan taasifameen guyyichi gaddaan ooleera.
Ajjeechaa jumlaan raawwataniin cinaatti waraanni Abiy Ahimed qabeenya nama dhuunfaa sangaa tokko, boba’aa barmeela tokko fi qarshii 240,000 saamuun mana tokkos gubanii deemuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.