• Wed. Nov 25th, 2026

Murni bilxiginnaa araara haa dubbatu malee dararaa lammiilee nagaa godina Gujii lixaa aanaa Bulee Horaatti irratti raawwatu itti fufe 

Apr 28, 2023

ONM-ABO Eebila 28, 2023

Dilbata darbe Eebila 23, 2023 irraa qabuun  maqaa araara jedhuun impaayerattii keessatti yeroo dibbeen dhaahamaa jiru kanatti Oromiyaan akka nagaa argattu jedhame har’as waraana faashistii PP’n dhiigaa, boo’aa, ijoolleen ishee hidhamaa fi saamamaa jirti.

Yeroo itti uummatni gurra isaa gara Taanzaaniyaatti diriirsuun maaltu ta’a laata jedhee miira adda addaan eeggachaa jirutti  godina Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Heera Liphituu keessatti dargaggoo maqaan isaa Mitikuu Adoolaa jedhamu gaafa Eebila 25, 2023 hidhattootni garee maafi’aa sababa tokko malee qabuun cuupheen iddoo ja’a erga wawwaraananiin booda buufata waraanaa ganda Gaadduu Yaabaa Siree keessatti ol galchanii rakkisaa jiru jedhu.

Dargaggoon kun mooraa Waraanaa keessatti aduu fi bokkaan rakkachaa jiraachuu fi maatiin illee mana yaalaa geeffachuuf gaafatanis diduun du’aaf jireenya gidduutti argamas jedhaniiru.

Akka jiraattootni gandoota kanaa tokko tokko jedhanittis dararriin hidhattoota  murna  faashistii PP’n uummata nagaa irratti rawwatamaa jiru daangaa darbuun halkan halkan dukkana da’oo godhachuun saamicha namoota nagaa irratti akka rawwachaa jiranis dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply