• Sun. May 28th, 2023

Lixa Shaggar keessatti Waraanni PP Lakkoofsaan 26 ta’an gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan 

Apr 28, 2023

ONM-ABO Eebila 28, 2023

Ergama impaayera tiksuu fi saboota cunqurfamoo afaan qawween cafaqanii ukkaamsuu fudhatanii bobba’uun uummata gidirsaa kan turan Waraanni murna  PP bakkoota garaagaraatti sirnicha irraa abdii kutachuun moonaa diinaa diiganii gara maatii ofii akkasumas gara moonaa qabsoo Bilisummaa Oromootti dabalamaa jiru.

Haaluma kanaan miseensonni waraana impaayera Itoophiyaa lakkoofsaan 26 ta’an lixa Shaggaritti gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun WBO waliin qabsoo sabaa gaggeessuuf murteeffachuu isaanii ibsanii jiru.

Miseensonni waraana bilxiginnaa duraanii kun namoonni 3 dhalattoota Sidaamaa, 5 saba Oromoo baha Oromiyaatti chalayan yoo ta’u, kan hafan 18 saboota garaagaraa irraa kan walitti dhufan ta’uu, ragaan hooggansa WBO Lixa Shaggar irraa argame ni ifoomsa.

Jarri kun qawwee Turkii 26 Hidhannoo Guutuu waliin qabachuun torbee darbe WBO Giddu Gala Oromiyaatti harka kan kennatan yoo ta’u, gochaalee farra dhala namaa ajaja sirna PP’n uummata Oromoo irratti raawwataa turaniif dhiifama gaafataniiru.

Miseensonni raayyaa impaayera Itoophiyaa kun miseensota waraana PP isaan biraa hafuun moonaa diinaa keessa jiraniin impaayera caccabee dhiiga ilmaan cunqurfamoon deebisee of dhaabuuf gochaalee gara jabeenyaa dhala namaa irratti raawwataa jiru kana utubuuf jecha yeroo keessan otoo hin fixin akkasumas seenaa keessan osoo hin xureessin gara qabsoo haqaatti akka dachaatan jechuun dhaamsa qabanis dabarfataniiru.

Leave a Reply