ONM-ABO Caamsaa 1, 2023
Tibba kana rooba jabaa waktii Arfaasaa roobaa jiruun magaalaa fi baadiyyaa keessatti miidhaan namaa fi qabeenyaa qaqqabaa jira. Ebla 29, 2023 rooba guddaa godina Baalee Lixaa magaalaa Roobee keessatti roobeen hawaasa magaalichaa irra miidhaan gurguddaan qaqqabee jira.
Rooba kanaanis qabeenyi mana keessaa lolaan fudhatamuu, manneen irraa qorqorroon buqqa’uu fi manneen hiyyeeyyii hedduunis diigamanii jiru.
Lolaa daandii gadi dhiisee manatti seeneen qabeenyi manneen dhuunfaa fi dukkaanaa baduunii fi namoota qabeenya isaanii oolfachuuf socho’aa turan akkasumas ijaarsi manneen isaanii jabaa hin taane irratti miidhaan qaqqabe jabaa ture.
Magaalicha keessa ijaarsi daandii fi bo’oon lolaa tolfame sirrii akka hin taane kan ibsan jiraattonni caasaan bulchiinsa magaalaa Roobee saamicha maallaqaa irratti malee rakkoo magaalattiin qabdu irratti hojjechaa akka hin jirre dubbatu.
Magaalli kun erga hundooftee kaatee rakkoo ulfaataa dabarsaa har’a geesse kan jedhan hawaasni magaalichaa rakkoo bulchiinsa gaarii, aangoof wal gaarreffachuu, malaanmaltummaa fi dhiibbaan siyaasaa jiraachuun guddina magaalattii hudhee qabee akka jiru dubbataniiru.




