• Sun. Jun 4th, 2023

Aliyyii Jiboo godina Lixa Harargee aanaa Doobbaa araddaa Odaa Jaalalaa keessatti waraana Biltsiginnaan ajjeefame

May 3, 2023

ONM-ABO Caamsaa 3, 2023

Uummanni Oromoo garboomfattoota impaayerattii yeroo garaagaraatti aangootti dhufaniin miidhaa guddaa irra ga’aa ture dandamatee sirnoota farra dhala namaa dura yeroo dhaabbatutti, murni aangoo siyaasaa of harka qabu qaama qawween isa falmu dhiisee uummata nagaa miira abdii kutannaa fi tooftaa waraanaa taasifachuun ajjeechaa irratti raawwatu Oromiyaa bakkoota hundatti jabeessee jira.

Ajjeechaan guutuu Oromiyaa keessatti taasifamaa jiru itti fufuun, godina Lixa Harargee  aanaa Doobbaa araddaa Odaa Jaalalaa ganda Diduu keessatti Ebla 30, 2023 nama Aliyyii Jiboo jedhamu abbaa ilmaan 10 “WBO araddaa Odaa Jaalalaa galchite” jechuun milishaan sirnichaa Hamzaa jedhamu rasaasaan rukutee ajjeesuu maddeen dubbatan.

Haalli walii galaa aanaa Doobbaa keessa jiru shororkaa waraanni PP uumaa jiruun jireenyi uummatatti kan hammaate  ta’uu kan dubbatan maddeen, gandoota akka Odaa Jaalalaa akkasumas Caffee Bantii keessatti maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun namoonni hedduun funaanamanii hidhamaa jiraachuus himaniiru.

Leave a Reply