• Sun. May 28th, 2023

Godina Kibba lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daacciitti waraanni fi kabinoonni bilxiginnaa qonnaan bultoota Xaa’oo fudhachuuf gandoota aanaattii irraa magaalaa deeman reebuun gariin ammoo hidhuun dhaga’aame

May 3, 2023

ONM-ABO Caamsaa 3, 2023

Uummanni Oromoo kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessa jiraatan irra jireessi Isaanii qonnaan bultoota yoo ta’aan, rakkoo nageenyaa impaayerattii keessatti babal’atee jiru irraa Kan ka’e hojiin qonnaa fi oomishaaleen Oyiruu irraa danqamuun  rakkoon qaala’iinsa jireenyaa hedduummatee Jira.

Haaluma kanaan godina kibba lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii keessatti Caamsaa 2, 2023  waraannii fi kaabinoonni bilxiginnaa qonnaan bultoota Xaa’oo fudhachuuf gandoota aanichaa irraa magaalaatti bobba’aan reebuun miidhaa qaamaa yoo irraan ga’aan hedduu ammoo mana hidhaatti darbatanii jiru.

Qonnaan bulaa obboo Dirrisaa Tuquree jedhamu ganda Maaramii Siree irraa yoo hidhan, ganda baaduu soobboo fi gandoota aanichaa biroo irraas namoota maqaan Isaanii nu hin qaqqabne qonnaan bultoota hedduu hidhuu maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Yeroon Kun Waktii arfaasaa waan ta’eef, qonnaan bulaan hojii qonnaatti bobba’uun midhaan nyaataa fi oomishaalee garaa garaa oomishuu irratti xiyyeeffachuun qaala’iinsa jireenyaa fi rakkoo diinagdee furachuuf yeroo tattaafatutti, murni bilxiginnaa hojii qonnaatti gufuu ta’uun danqaa uumaa Jira Kan jedhan jiraattota aanaa Sooddoo Daacciiti.

Leave a Reply