ONM-ABO Caamsaa 8, 2023
Kibba baha Oromiyaa godina Arsii lixaa aanaa Arsii Nageellee keessatti maqaa wal gargaarsaa Buusaa Gonofaa jedhuun biltsiginnaan miindaa barsiisota irraa muruun yeroo dheeraatiif saamaa kan turan yoo ta’u, ammas qaalayiinsa jireenyaa har’a uummatni Oromoo rakkoo sirnichaan keessa jiru illee osoo ilaalcha keessa hin galchin qarshii miindaa barsiisotaa irraa kutaa jiraachuu maddeen dubbatan.
Caamsaa 4, 2023 dhimma miindaa irraa maallaqa kutuun wal qabatee onicha keessatti hoggantotaa fi barsiisota mana barnootaa kan walitti qaban yoo ta’u, Barsiisotnii fi hoggantootni miseensa paartichaa ta’an itti waliif galuun mallatteessanii ba’aanis, barsiisonni dhimma kana balaaleffatan garuu ejjennoon dhimmicha dura kan dhaabbatan ta’uun beekameera.
Murni Biltsiginnaa onichaa barsiisota dhimma kana balaaleffachuun mormii kaasan miindaa guutummaatti jalaa kan ugguran hoggaa ta’u, barsiisotni miindaan jalaa uggurames rakkoo jabaa keessa jiraachuu maddeen dubbataniiru.
Ittii dabalees namoonni adda durummaan dhimma kana adeemsisuun barsiisota rakkoof saaxilaa jiran, itti gaafatamaa waajjira barnootaa aanichaa obboo Dastaa Butuchaa fi Kantiibaa magaalaa Nageellee obbo Huseen Hammuu ta’uus gabaasaniiru.



