• Thu. Apr 25th, 2024

Dargaggeessi Ganna 22 tokko godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Finca’aa keessatti waraana murna biltsiginnaan ajjeefamuun dhaga’aame

May 8, 2023

ONM-ABO Caamsaa 8, 2023

Ilmaan Oromoo dachee abbaa isaanii irraa dhabamsiisee abjuu nafxanyoota ilmaan Minilik milkeessuu kan barbaadu kolonel Abiy Ahimed waraana isaa dhala namaaf gara laafummaa tokkoyyuu hin qabne qe’ee Oromootti bobbaasuun lubbuu lammiilee nagaa obbaasaa oola.

Waraana bilisummaa Oromoo lolaan injifachuu dadhabee hawaasa harka duwwaa rasaasaan ajjeesaa kan oolu bilxiginnaan guyyaa dheengaddaa jechuun Caamsaa 6, 2023 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula finca’aa ganda Qorqee Dadar keessatti tarkaanfii jabaa waraanni bilisummaa Oromoo humna isaanii irratti fudhatetti baaraguun dargaggeessa ganna 22 tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Murni ilmaan Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachuun bakka deemu hundatti adamsee ajjeesu kun barattoota irratti xiyyeeffachuun xiinsammuu namootaa miidhanii, maatiin ijoollee isaanii dhaban yaaddoo ulfaataa fi abdii kutannaa guddaa keessa galchee jira. 

Akka maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti duguuggaan ilmaan Oromoo irratti murna kanaan raawwatamaa jiru daran hammaatee wanta jiruuf Oromoon hunduu tokkummaa jabeessuun waraana bilisummaa Oromoo cina hiriirree ofirraa fonqolchuu qabnaan dhaamsa jiraattoota aanichaati.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading