ONM-ABO Caamsaa 8, 2023
Gochi faashistummaa waraana Biltsiginnaatiin golee Oromiyaa mara keessatti raawwatamaa jiru oolee bulee jabaachaa kan jiru yoo ta’u, saamicha dabalatee mancaatiin qabeenya namootaa irratti gaggeeffamaa jiru dinagdee uummataa hubuun hiyyummaa hadhooftuuf saaxilaa jira.
Oduuma kanaan wal qabatuun godina kaaba Shaggar aanaa Wucaalee ganda Bachoo Faalanii keessatti waraanni Biltsiginnaa mana namoota dhuunfaatti ibidda kaa’ee barbadeessuu maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Haala kanaanis nama Xibabuu Dabalee fi Daamxee Addunyaa jedhaman jalaa caamsaa 6, 2023, nama Girmaa Qananii jedhamu jalaa ammoo caamsaa 7, 2023 waraana sirnichaatiin manni jireenyaa qabeenya mana keessaa waliin guutummaatti barbadaa’uun himameera.
Dabalataanis aanaa Dagam ganda Yaayyaa Haroo keessaa waraanni PP horii uummataa 10 ol walitti qabuun ooffatanii deemuu kan dubbatan maddeen, miidhaa fi dararaa murna faashistii Itoophiyaan aanicha keessatti raawwataa jiruun qorqalbii fi dinagdeen hawaasaa akka malee miidhamaa kan jiru ta’u gabaasaniiru.
